SEENAA FI HAALA HUNDEEFFAMAA:Yuuniyeeniin Caffee Bulluq Godina Horroo Gud.Wallaggaa Aanaa Horroo keessatti Ji’a Bitootessa 02, bara1996A.L.Itti rakkoo hawwaasummaa fi diinagdee miseensi isaanii qaban furuuf waldaalee fedha fi rakkoo wal fakkaataa qaban furachuuf waliin walitti dhufuunin hundaa’e:- waldaalee Aanaalee 4 (afur) :
Tajaajila hawaas-diinagdee cimaa fi itti fufiinsa qabu yuuniyeenicha keessatti diriirsun Bara 2020 tti Miseensonni isaa fi hawaasni naannoo irraa fayyadama ta`anii arguu.
Hojimaata qajeello, iftoomina qabu fi miseensota hirmaachisuu danda`u diriirsun kaayyoo gurmaa`eef raawwachuu fi rakkinalee hawaas-diinagdee hiikun ofitti amanamuummaa dagaagsuun akkasumas amala ofiin of bulchuu fi of gargaaruu gabbisuun fayyadamummaa miseensa fi hawaasaa mirkanaa`e uumudha.
Kaayyolee armaani qadii qabatee Hojjechaa jira:- 1. Omishaa fi omishtummaa miseensotaa dabaluuf callaa guddistuu gatii madaalawaan dhiheessu, Omisha miseensotaa walitti qabuun,faayidaa itti dabaluun gatii fooyya`aatti gurguruun galii isaanii guddisuun jireenya miseensotaa fooyyessuuf. 2. Humna raawwachiisummaa misoonsota isaa cimsuun gahoomsuu. 3. Akkaataa ogummaa miseensonni ittiin omishanii fi rakkinaalee teeknikaa isaan qaban leenjii fi deeggarsa ogummaa kennuun akka hiikatan dandeessisuu 4. Tajaajilawwan miseensonni dhuunfan argatanii fayyadamuu hin dandeenye gamtaan gatii fi haala salphaa ta`ee akka argatan dandeessisuu.
★ Ofiin- of gargaaruu.
★Itti gaafatamummaa dhunfaa ba’uu
★ Aadaa Diimokiraasii dagaagsuu.
★ Walqixxummaa
★ Haqummaa fi
Obbolummaa
★Amanamummaa
★Iftoomina
★Itti gaafatamummaa hawaasaa qabaachuu
★ Itti gaafatamummaa
★Hirmaachisumma
Yuuniyeenichi Asxaa waldaa hojii gamtaa Addunyaa fudhatama argateen marfamee Giingoo Gama Tokkoon Asheeta Qamadii,Gama Biroon Asheeta Boqolloo ta’ee mataa isaa irratti Odaa,Qixalamaan irratti Tiraaktaara lafa Qotu kan Agarsisiisu fi Harka Namootni harka wal-qabatan kan agarsiisu faajii /asxaa kan mataa isaa ni qabaata
Miseensi kamiyyuu dirqama irraa eegamu guute yoo argame Yuuniyeenichaan sartifikkeettii qooda miseensummaa mirkaneessu ni argata. Sartifikkeettin kennamus mallattoo dura ta’aa fi hoji gaggeessan , akkasumas chaappaa yuuniyeenichaatin chaappeffamu qaba.
Yuuniyeenichi hojii isaa keessatti kasaaraan kan isa muudatu yoo ta’e, herraga of eeggannon kasaara kana uwwisuun kan hin dandaanye yoo ta’e miseensi tokko tokkon isaanii qooda qaban illaalcha keessa galchuun kisaaricha qoodachuuf dirqama ni qabaatu.
Koreen hojii raawwachiiftuu Dambii-Bulmaataa kana irratti bu’uureeffachuun osoo dambii kanaan walitti hin bu’iin tartiiba hojiiwwan adda addaa hojii irra oolchuuf gargaaru dambi Keessaa qopheessee yaa’ii waliigalaa yuuniyeenichaan mirkaneessisuun qaama aangon waldaalee galmeessuf kennameefitti dhiheessun galmeessisuun hojii irra oolchuu ni danda’a..
Waldaaleen bu’ura miseensa ta’uu barbaadan, miseensummaan yoo hayyamameef, galmeedhaaf qarshii 1,000.00 (Qar.kuma Tokko) al tokkotti kaffaluu qaba.
Miseensummaaf waldaan hojii gamtaa bu`uuraa tokko yoo xinnaatee qooda tokko bitachuu qaba. Kaffaltiin qooda tokkoos al tokkoon kan raawwatu ni ta`a.
------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------
................ ................. .................. ................... ................... ...................1.Dhiyeessii C/Guddistuu adda adda akkataa karoora qonnaan waldaa miseensa ta’anii fi mit-miseensaaf dhiyeessuu 2. Dhiyeessii Meshaalee Qonnaa ammayyaa fi kan biroo dhiyeessuu 3.Sanyii Filatamaa Lafa qonnaan bulaa irratti baay’isuun oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluu 4.Oomisha Qonnaan bulaa walitti qabuun gatii fooyya’aan gurguruu. 5.Dhiyeessii Meeshaa Bu’uuraa bu’aa warshaalee dhiyeessuun gatii madaallawaan akka argatan tasissuu. .
chafebuluk
chafebuluk
chafebuluk
chafebuluk
chafebuluk
chafebuluk
Yuuniyeeniin Caffee Bulluq Godina Horroo Gud.Wallaggaa Aanaa Horroo keessatti Ji’a Bitootessa 02, bara1996A.L.Itti rakkoo hawwaasummaa fi diinagdee miseensi isaanii qaban furuuf waldaalee fedha fi rakkoo wal fakkaataa qaban furachuuf waliin walitti dhufuunin hundaa’e:-
waldaalee Aanaalee 4 (afur)
Amuru (walda 1), Baay’ina Qooda 1
J/Jaartee (waldaa 2), Baay’ina Qooda 2
Horroo (waldaa 9)Baay’ina Qooda 14 fi
Ji/Gannatii (waldaa 3) Baay’ina Qooda 16
W/Gala waldaalee bu’uuraa 15 Walii Galaa Qooda 33 qabatee qooda 165,000 Baay’inaa Miseensa Dhiira: 13,634 fi Dhala: 1,383W/g:15,017
Naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Magaalaa Shaambuu Ganda 01
chefebuluk@gmail.com
+251576660203/1204
+251576660953
Website: www.chafebulukfarmerscooperativeunion.et
© 2025 chafebulukfarmerscooperativeunion. All rights reserved.